(Madda Oduu ABO-MOA, Finfinnee, Waxabajjii 10, 2010) Manni Murtii Olaanaa Federaala Wayyaanee sabboontota Oromoo 24 irratti murtii jalloo umurii guutuu haga waggaa sadii gahu murteessuun gabaasame.
MOAn dhaddecha Wayyaanee murtii jalloo Oromoota irratti dabarsuuf muudame kana irratti argame akka gabaasetti, manni murtiii kun akkuma amala isaa sanitti himannaa hundee hinqabneen Oromoota 24 adabee jira.
Oromoota nagaa qe’ee isaanii, Oromiyaa bahaa keessaa, humnoota tikaa Wayyaaneetiin qabamanii mana hidhaa adda addaatti hiraarfamaa jiran kana irratti murtiin darbe kun Oromoota 7 murtii umurii guutuu, Oromoota 15 irratti hidhaa cimaa waggaa 11, fi Oromoo tokko irratti immoo hidhaa waggaa sadii murteessee jira.
Oromoota 24 galmee Aliyyee Muummee jalatti himatamn irratti himannaan kijibaan dhiyaate, “Adda Bilisummaa Oromoo gargaaruun bakkoota addaddaa keessatti badii fi jeequmsa geessisuu fi qabeenya adda addaa barbadeessuu…” kan jedhuudha.
“Oromooti kunneen Oromummaa isaanii callaan hidhamanii hidhaa fi adabni jalloo itti kenname,” kan jedhan hayyuun siyaasaa Oromoo maqaa isaanii ibsuu hinbarbaanne tokko, “ kun waanuma ija baasaa dhufeedha. Mootummaan kun Oromoo qabee hidha; murtii jalloo itti kenna. Kun sirna loogiin guutamee dha,” jedhee jira.
“Biyya sirni haqaa hinjirretti, hidhaa fi murtiin dabaa hedduu dha,” kan jedhan hayyuun biro immoo, “murtiin guyyuun kennamaa jiru jibbinsa sirni kun Oromoo irraa qabu ifatti mul’isaa jira; kun daran nu jabeessa malee, harka nu hinkennachiisu,” jedhan.
Manni murtii Wayyaanee kun baruma kana keessa murtii du’aa irraa kaasee haga amata lamaatti jiru dhiyeenyatti dabarsee jira. Addi Bilisummaa Oromoos ibsa baaseen, murtiin jibbinsaa fi loogiin guutaman marti qabsoo bilisummaa Oromoo darna jabeessa malee, Oromoota qabsoo irraa duubatti akka hindeebisne hubachiisee jira.
MOA
|